Oduu
ABO’n Jaal Daawud Ibsaa yeroof paarticha irraa dhorke
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Hogganaa dhaabicha kan ta’an Jaal Daawud Ibsaa yeroof paarticha irraa dhorkuu Raadiyoon Shaggar gabaase.
Dubbi himaan dhaabicha Obbo Qajeelaa Mardaasaa sababni isaan dhorkaamaniif rakkoo namusaan hojii idilee isaanii irraatti waan hin argamneef jechuun beeksisaniiru.
Dhimmi kun koree seera fi to’annoo dhaabicha akka ilaallatuu Jaal Qajeelaan dubbataniiru.
Haata’uu malee kanan duraa fuula feesbuukii paartii Adda Bilisummaa Oromoo irratti obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hoggantoonni paarticha 6 hojii isaanii irraa dhorkamuu ni yaadatama.
